Finfinnee, Fulbaana 28, 2015(FBC)- “Mata duree qunceen walgargaartee arba hiiti” jedhuun lammiilee sababa walitti bu’iinsaan miidhamaniif sagantaan galii walitti qabuu qophaa’uu Tajaajilli Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksise.
Sagantichi gurmaa’iinsa diyaaspooraa Ityoophiyaa Ameerikaafi Kaanaadaatti argamaniin gama intarneetiin kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Waltajjicharratti Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa dabalatee ambaasaaddaroonni biyyoota lameenii, hoggansiifi miseensonni gurmaa’iinsotaa diyaaspooraa bakka argamanitti guyyaa har’aa kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.
Waltajjichaan Ityoophiyaanonniifi dhalattoonni Ityoophiyaa addunyaa mararra jiran hirmaachisuun Doolaarri kumni 400 ol walitti qabama jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.