Lammiilee sababa garee shororkeessaa ABUTtiin buqqa’aniif deeggarsi taasiifamaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) – Naannoo Amaaraatti lammiilee sababa gochaa badii garee ABUT rawwataa jiruun qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsi taasifamaa jiraachuun himame.
Buqqattoota naannoo Amaaraa magaalaa waldiyaa,Walloo Kibbaa iddoolee biroorraa buqqa’uun magaalaa Dasee qubataniif deeggarsi taasifamaa jiraachuu kaantibaan magaalaa Dasee obbo Abbabaa G/Maasqal himaniiru.
Sababa garee ABUT rawwateen namoonni kuma 55 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun magaalaa Dasee keessaa akka qubatan taasifamera jedhan.
Namoota qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun deeggaruu fi gara qe’ee isaanitti deebisuuf Komishinii Hoggansa Ittisa Sodaa Balaa naannoo Amaaraa waliin hojjetamaa jiraachuu kaantibaan magaalaa Dasee Obbo Abbabaan himan jiru.
Rakkoo nageenya garee ABUT hawaasa irraan gahaa jiru qooddachuu fi dargaggonni magaalaa Dasee kumni 1 guyyaa har’aa gara adda waraanaatti makamuu himaniiru.
Gammachuu Beekumatu gaabase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment