Lammiilee Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf qophiin duraa xumurame – Ambaasaaddar Diinaa

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Lammiilee Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf qophiin duraa xumuramuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.
Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma Raashiyaa fi Yuukreen ilaalchisee taa’amerratti Ityoophiyaan teessoo duwwaa taasiisuun ishee murtoo dippiloomaasii ta’uu ibsaniiru.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa torbee kennaniiru.
Ameerikaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufuuf fedhii qabaachuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Tireesii Deeviidisan ibsuu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
HR 6600 michummaa biyyoota lamaanii kan hin madaalle ta’uu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaan himuu isaanii kaasaniiru.
Ilaalcha dogoggoraa biyyoonni Araba Hidha Haaromsaa ilaalchisee qaban sirreef hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu Ambaasaaddar Diinaa ibsaniiru.
Walitti bu’iinsa Raashiyaa fi Yuukreen kan adda taasiisu humnoonni biroo duuba jiraachuu isaati jedhan.
Qaamoleen waraanicha keessaa harka qaban kanneen Niukleearii hidhatan ta’uu kaasaniiru.
Qaamni hundi waldhabticha karaa nagaan akka furan Ityoophiyaan gaafachuu himaniiru.
Torbee kana waliigalteen Kaargoo Jiibuutii saffisiisu danda’au mallattaa’uus kaasaniru.
Mariin hariirii Daldalaa fi Invastimantii cimsuuf dandeessisu Turk waliin mari’atamuu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.
Lammiilee Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf qophiin xumuramuu ibsa isaaniin eeraniiru.
Wandasan Araggaanyitu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment