Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 40 ol taasifame

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2014 (FBC)- Waldaan Fannoo Diimaa Ityoophiyaa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi Birrii miiliyoona dhibba 1 miiliyoona 40 ol taasisuu ibseera.

Deeggarsichi lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 50 oliif kan taasifame ta’uu waldichi ibseera.

Lammiileen sababa waraanaatiin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deeggarsaa fi xiyyeeffannoo kan barbaadan ta’uu hoogganaan dhimmoota koominikeeshinii waldichaa Dooktar Salamoon Alii eeraniiru.

Baatiiwwan sadan darbanitti lammiilee sababa nam-tolchee fi uumamaatiin keessumaa ammoo sababa waraanaatiin miidhamaniif deeggarsa namoomaa garaagaraa taasisaa turuu kaasaniiru.

Maddi:- DhPI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment