Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC)- Lammiilee Paakistaan biratti dinqisiifannaan Kitaaba “Dhaloota Ida’amuu” kan Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin barreeffame dabalaa jiraachuun ibsame.
Kitaabichi hiikkaan Afaan Ingilizii lammiilee Paakistaan biratti jaallatamummaa fi hedduu dubbifamaa jiraachuu Paakistaanitti ragaan Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Kitaabichi guddina diinagdee Itiyoophiyaatti mirkanaa’aa jiruu fi kallattiiwwan misoomaa fuulduree bal’inaan kan qabateedha.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.