Lammiilee naannoo Tigraay irraa buqqa’an gara qe’eesaaniitti deebisuun eegalame

Finfinnee, Sadaasa 15, 2015(FBC)- Lammiilee naannoo Tigraay iddoowwan garaagaraarraa buqqa’uun buufata da’annaa naannoo Afaar keessa jiran gara qe’ee isaaniitti deebisuun eegalamuu ibsame.

Hojii lammiilee kanneen gara qe’ee isaaniitti deebisuu guyyaa har’aa eegaleen marsaa jalqabaan buufata da’annaa Samaraa, Loogiyaafi Duubtiirraa lammiileen 738 gara qe’eesaaniitti deebi’uu eerameera.

Dabalataanis naannichatti lammiilee zoonii 2ffaa  Kiilbatii Rasuu, Baaraahilee, Koonabaafi Daalool jiran gara qe’eesaaniitti deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment