Lammiilee naannoo Amaaraatii buqqa’aniif deeggarsa namoomaa dhiyaachaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) – Komishiiniin Hoggansaa Ittisa Sodaa Balaa Federaalaa lammiilee naannoo Amaaraa qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aniif deeggarsa taasisaa jiraachuu ibse.

Badii garee ABUT rawwachaa jiruun lammiilee naannichaa kumni 31ol qe’ee fi qabeenya isaan irraa buqqa’un buufata garaagaraa keessatt qubataanii jiraachuu itti aanaa fi walitti qabaan dursa garee Komishiinii Hoggansaa Ittisa Sodaa Balaa Federaalaa obbo Taayyee Geetaachoo himaniiru.

Lammiilee godinaalee naannichaa irraa buqqa’an kuma 14 ol deeggarsi miidhaan nyaata kan dhiyaate yoo ta’uu ,lammiilee kuma 5 immoo deeggarsi meeshaalee gosa garaagaraa dhiyaachuu obbo Taayyeen himaniiru.

Kana malees dhabbilleen fayyaa dhuunfa naannichatti tajaajila fayyaa laachaa jiran lammiilee qa’eef qabeenya isaan irraa buqqa’uun mana barumsa keessa qubataniif jiraniif meeshaalee gosa garaagaraa Birrii kuma dhibba 6 fi kuma 21 olitti tilmaamamu deeggarsa taasisaniiru jedhan.

Gammachuu Beekumatu gaabase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment