Lammiilee Naannoo Afaarii buqqa’aniif deeggarsi Doolaara Kaanaadaa kuma 88 taasiifame

Finfinnee, Amajjii 8, 2014 (FBC) – Neetworkiin Ityoo – Kaanaadaa deeggarsa hawaasummaa Lammiilee Naannoo Afaarii sababa weerara ABUTtiin qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsi Doolaara Kaanaadaa kuma 88 taasiisaniiru.

Deeggarsa kana kan taasiisan dameewwan Itiinaas, Tooroontoo, Haamliitanii fi Edmantan ta’uu ibsameera.

Neetworkiin Ityoo – Kaanaadaa deeggarsa hawaasummaa kana duras naannichatti lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif Doolaara Kaanaadaa kuma 50 taasiisuun kan yaadatamuudha.

Dhaabbatichi erga hundaa’ee bara 2013 eegalee waamicha biyyaalessaa fi proojektoota misoomaaf Doolaara Kaanaadaa miiliyoona 5 akaakuun deeggersa taasiiseera jedhameera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment