Lammiilee naannoo Afaar miidhamaniif leenjiin deeggarsa hawaasummaa laatamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Naannoo Afaaritti lammiilee sababa waraanaan miidhamaniif lenjiin deeggarsa fayyaafi xiin- sammuu akkasumas deeggarsa hawaasummaa kennuu dandeessisu magaalaa Samaraatti kennamaa jiraachuu ibsame.

Leenjicha Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa, Minsteerri Fayyaafi Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa Yuuniseef waliin ta’uun kennaa jiraachuu eerameera.

Leenjicharratti ogeeyyiin fayyaafi hawaasummaa, abbootiin amantaa, namootni beekamooniifi bakka buutonni dhaabbilee garaagaraa 900 ta’an hirmaachaa jiraachuu himameera.

Leenjichi rakkoolee walxaxoo sababa waraanaan uumamaniif deebii qabatamaa kennuun lammiileen miidhaa isaaniirraa akka bayyanataniif kan gargaaru ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment