Lammiilee miiliyoona 7.3’f deeggarsi namoomaa taasifameera-TKM

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2016 (FBC)- Lammiilee miiliyoona 7.3’f deeggarsi namoomaa taasifamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Beeksise.

Ministir Deetaan Tajaajilichaa Salaamaawit Kaasaan haala yeroorratti ibsa miidiyaaleef kennaniin baatii Onkoloolessaa 2016’tti marsaa lamaan deeggarsi namooma midhaan nyaataa Kuntaalli kuma 798 fi 607 taasifamuu eeraniiru.

Akksumaas deeggarsi maallaqaa Birrii biiliyoona 1.4 kutaalee hawaasaa dursi kennamuuf bifa deeggarsaan dhiyaachuu kaasanii, ammallee deeggarsi kun itti fufuu dubbataniiru.

Deeggarsaa namoomaa dhiyaataanis Daakuu qamadii, daakuu boqqolloo, ruuzii, nyaata madaalawaa, zayiita fi kanneen biroon mootummaa federaalaa fi hirmaannaa hawaasaan taasifameera jedhan.

Deeggarsi kunis naannolee dhiyeenyaa balaa hongeef saaxilaman naannolee Amaaraa, Afarii fi Tigraayiif ta’uu himaniiru.

Dabalataanis, Naannoo Gaambeellaatti lammiilee balaa lolaaf saaxilaman kuma 25’f dhiyaachuu ibsaniiru.

Waliigalaan deeggarsa namoomaa taasifamaa jiruun lammiileen miiliyoona 7.3 deeggarsicha argachuu dubbataniiru.

Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa iftoominaa fi itti gaafatama akka qabaatuuf tarkaanfiileen hojmaataa bal’aan fudhatama akka jirus ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment