Lammiilee miiliyoona 7.3 deeggarsa qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 12, 2016 (FBC)- Lammiilee miiliyoona 7.3 deeggarsa qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu Koomiishiniin hoggansa Sodaa Balaa ibse.

Koomiishinarri koomishinichaa Ambaasaaddar Shifarraa Takilamaariyaam ibsa kennaniin dandeettii keessoon lammiilee deeggarsi barbaachisuuf deeggarsa dhiyeessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Deeggarsichas lammiilee sababa jijjiirama qabeenya qilleensaa fi lolaan miidhaaniif qaqqabsiisuuf ta’uu ibsaniiru.

Naannolee Amaaraa, Tigraay fi Afaaritti hongeen wayita mudatu, naannolee torbatti ammoo balaan lolaa mudachuu kaasanii, lammiilee miiliyoona 7.3 eeggattummaa deeggarsaaf saaxilamaniiru jedhan.

Kanneen keessaas miiliyoonni 4 lammiilee buqqa’an ta’uun eerameera.

Hanga ammaattis deeggarsa nyaataa, maallaqaa fi meeshaalee marsaa 2’n qaqqabsiisuun akka danda’ame ibsameera.

Hanga torban darbeettis tumsi dhaabbilee deeggartootaa dhaabbachuurraan lammiilee deeggarsa barbaachisuu hundaaf deeggarsi mootummaadhaan taasifamaafii turuu Ambaasaaddar Shifarraa Takilamaariyaam eeraniiru.

Haa ta’u malee, Naannoo Amaaraa naannawaa akka Goondar Kaabaa, Goondar Kibbaa fi Wag Himraatti sababa rakkoo nageenyaan deeggarsa qaqqabsiisuun rakkisaa ta’uu dubbataniiru.

Tigisti Abrahaamtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment