Lammiilee miiliyoona 4.3’f carraa hojii uumuuf hojjetamaa jira –Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC) – Bara baajataa kana Lammiilee miiliyoona 4.3’f carraa hojii uumuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Damee Qonnaan % 39, Tajaajilaan % 31 fi Indaastiriin % 29 carraa hojii uumuuf, akkasumas Bobbii alaan lammiilee kuma 700 ol biyyoota garaagaraatti erguuf karoorfamuu himaniiru.

Baatiwwan sadan darban lammiilee kuma 100 oliif biyyoota alaa adda addaatti karaa seera qabeessaan carraan hojii uumamuu dubbataniiru.

Misooma Koriidarii magaalaa fi Baadiyyaatti hojjetamaa jiruun lammiilee hedduuf carraa hojii uumuun danda’amuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment