Lammiilee miiliyoona 4.1’f carraan hojii uumamuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)- Bara baajataa 2016 biyya keessaa fi alatti lammiilee miiliyoona 4.1’f carraan hojii umamuu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksise.

Ministeerichi waltajjii gamaaggama raawwii bara bajataa 2016 fi karooraa 2017 gaggeesseera.

Ministirri Ministeerichaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil akka jedhanitti, misooma ogummaa, ijaarsa dandeettii fi carraa hojii uumuu irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Lammiilee miiliyoona 3.7’f biyya keessatti, lammiilee kuma 345 biyya alaatti carraan hojii uumamuu dubbataniiru.

Bobbii hojii biyya alaa haaraa babal’isuurratti hojjetamuus kaasanii, lammiilee leenji’an gara biyyoota Awurooppaatti hojiin bobbaasuu eegalamuu beeksisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment