Lammiilee miiliyoona 3 ta’aniif biyya keessaa fi biyya alaatti carraan hojii uumamuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC) – Bara baajataa kana Baatiwwan kurnan darban Lammiilee miiliyoona 3 ta’aniif biyya keessaa fi biyya alaatti carraan hojii uumamuu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil ibsaniiru.
Lammiilee biyya keessaa fi biyya alaatti hojiirratti bobba’uuf fedhii qaban dandeettii ogummaa isaanii caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Aadde Mufariyaat himaniiru.
Lammiileen kumni 314 bobbii alaan carraa hojii argachuu kaasaniiru.
Mirgii fi faayidaan lammiilee kanneenii akka eegamuu fi kabajamu haalonni mijachuu qaban qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjetamuu ibsaniiru.
Biyya keessatti ammoo lammiilee miiliyoona 2.7 oliif carraan hojii uumamuu dubbataniiru.
Waliigalaan baatiwwan kurnan darban lammiilee miiliyoona 3.77’f carraan hojii uumamuu Aadde Mufariyaat Kamiil kaasaniiru.
Dargaggoonni damee Teeknikaa fi ogummaan yaada kalaqaa qaban gara Teeknooloojiitti akka guddifatan carraan leenjii fi haalli mijachuu himaniiru.
Dargaggoonni yaada hojii qaban dorgomuun oomisha isaanii guddina diinagdee biyyattiif akka fayyadaman adeemsa eegalame keessatti teeknooloojiiwwan 76 gara oomishaatti ce’uu ibsuu TOI gabaaseera.
Comments (0)
Add Comment