Lammiilee kuma 40 oliif carraa hojii uumuuf waliigalteen dandeessisu mallatteeffame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)-Ministeerri Hojii fi Ogummaa lammiilee kuma 40 oliif carraa hojii uumuuf Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa waliin waliigalteen mallatteesse.

Waliigaltichi bara dhufu Lakkoofsa Saamuda qonnaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaan guutuu biyyattiitti gaggeeffamu irratti sirna odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaa Ministeera Hojjetaa fi Ogummaatiin hojiirra oolee fayyadamuun ogeeyyii qacaruuf kan dandeessisudha jedhameera.

Ministirri Hojjetaa fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamil akka jedhanitti, Tajaajilli Istaatistiksii Itiyoophiyaa lakkoofsa saamuda qonnaa Itiyoophiyaatti gaggeessuun waggoottaan darban hojiiwwan baadiyyaa fi magaalaatti hojjetaman akkasumas hojiileen sagataa maaddii guutuun hojjetaman bu’aa argamsiisan sirriitti madaaluuf waan nu dandeessisuuf hojii riifoormii biyyoolessaaf bu’aa olaanaa qaba jedhaniiru.

Waggoota 22 booda odeeffannoo walitti qabamu kana keessatti lammiileen hojiicha hojjetan miindessuu fi filachuun Ministeera Hojjetaa fi Ogummaatiin kan hojiirra oole karaa sirna odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaan akka raawwatamuuf waliigaltichi mallatteeffamuu kaasnaiiru.

Kunis adeemsa qacarrii haqa qabeessa, yeroo fi baasii qusataa ta’een xumuruun, hojicha ariitiin jalqabsiisuuf kan dandeessisuudha jedhameera.

Sirni odeeffannoo gabaa hojii dargaggoota Itiyoophiyaan kalaqame gabaa hojii ammayyeessuun, gosa ogummaa gabaan barbaadu adda baasuu fi carraa hojii haqa qabeessaa lammiileef uumuuf kan kaayyeffate ta’uu eeraniiru.

Tajaajilli Istaatistiksii Itiyoophiyaa sirnicha fayyadamuuf kaka’umsi argisiise dhaabbilee biroof fakkeenyaatti akka ta’uu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment