Lammiilee kuma 35 ol daandiirraa kaasuun hojiin dandamachiisuu gaggeeffamuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 2, 2015 (FBC)- Bara baajataa xumurame 2015’tti Lammiilee kuma 35 fi 870 daandiirraa kaasuun hojiin dandamachiisuu gaggeeffamu Ministeerri Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksise.

Hojii kana gaggeessuuf baasiin barbaachisu mootummaan uwwifamuu Dursaan Garee Kominikeeshinii fi Quunnamtii Ummataa Malaakuu Baayyee FBC’f himaniiru.

Akkasumas sagantaa misoomaa seeftineetii magaalaan lammiilee jireenyi isaanii daandiirraa ta’e, kuma 4 fi 905 fayyadamtoota ta’uu ibsaniiru.

Gandoota kuma 8 fi 630’tti gamtaa deeggarsaa fi kunuunsaa hundeessuu fi kanneen duraan hundeeffaman cimsuun deeggarsi maallaqaa fi akaakuu gargaraa Birri miiliyoona 410 fi kuma 660 ol hawaasarraa walitti qabamuu himaniiru.

Kanaanis lammiilee kuma 89 fi 12’f deeggarsa taasisuun akka danda’ame ibsaniru.

Yohaannis Darriboowutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment