Lammiilee Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti hidhaarra jiran kuma 4 fi 500 dhiifamaan akka gadi lakkifamaniif waliigalteerra ga’ame

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti hidhaarra jiran kuma 4 fi 500 dhiifamaan akka gadi lakkifamaniif waliigalteerra ga’amuu Imbaasiin Ityoophiyaa Daaresalaam beeksiseera.

Waliigalticharra kan ga’ame Taanzaaniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Shibbiruu Maammoo Qadiidaan guyyaa har’aa Komishinara Komishinii Immigireeshinii Taanzaaniyaa Dooktar Aanaa Pii Maakaakaalaa fi Komishinara Komishinii Bulchiinsaa fi To’annoo Daangaa Taanzaaniyaa Saamu’eel Maahiiraanee waliin erga mari’ataniin booda ta’uu ibsameera.

Ambaasaaddar Shibbiruun simannaa taasifameefiif galateeffachuun turtiisaanii Taanzaaniyaatiin hariiroo biyyoota lameenii sadarkaa olaanaatti guddisuuf kan hojjetan ta’uu marichaan mirkaneessaniiru.

Hariiroo uummataa cimsuuf mootummaan Taanzaaniyaa lammiilee Ityoophiyaa karaa seeraan alaa biyyattii seenuun himatamanii hidhaarra jiran dhiifamaan akka gadi lakkifaman gaafataniiru.

Komishinaroonni lameen gamasaaniin, gaaffii Ambaasaaddar Shibbiruun dhiyeessan hordofee lammiileen Ityoophiyaa kumni 4 fi 500 hidhaarra jiran gadi lakkifamanii gara biyyaatti akka deebi’an kan taasisan ta’uu ibsuu isaanii ragaan imbaasicharraa argame ni mul’isa.

Adeemsi dhiifamichaa akkaataa seera biyyattii hordofeen Preezdaantii biyyattiif dhiyaatee kan ragga’u ta’uu ibsameera.

Adeemsi seeraa hanga xumuramutti adeemsi Ityoophiyaanota murtoo hidhaa isaanii xumuran gara biyyaatti deebisuu akka eegaluuf kutaa hojii  dhimmi ilaallatuuf  qajeelfamni hojii kennamuu eerameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment