Lammiilee Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti haala rakkisaa jiran gara biyyaa deebisuuf hojiin eegalame

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti haala rakkisaa jiran Dhaabbata Godaantoata Idil-Addunyaa waliin ta’uun gara biyyaa deebisuuf hojiin eegalamuu Taanzaaniyaatti ergamaan Addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Shibbiruu Maammoon himan.

Yaa’ii Phaaphaasota Kaatoolikii Afrikaa Bahaa 20ffaa irratti hirmaachuuf Jilli Pireezidaantii Phaaphaasota Ityoophiyaa Qulqulluu Kardinaal Biraaneeyesusiin durfamuu Taanzaaniyaa Imbaasii Ityoophiyaatti argamuun, Taanzaaniyaatti Ergamaa Addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Shibbiruu Maammoo waliin mari’ataniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa daa’immaan dabalatee 500 ta’an Taanzaaniyaatti haalawwan rakkisaa keessa jiraachuu ibsameera.

Hedduun isaanii dargaggoota karaa seera alaan gara biyyattii seenaan ta’uu himameera.

Imbaasiin Ityoophiyaa Dhaabbata Godaantota Idil-Addunyaa Taanzaaniyaatti argamu Mootummaa Federaalaa waliin ta’uun lammiilee yeroo turtii hidhaasaanii xumuran gara biyyaa deebisuu har’a kan jalqabu ta’uu himamuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment