Finfinnee, Fulbaana 13, 2015 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa Sudaan keessan jiran rakkoon akka hin muudanne xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Biyya keessaa Sudaan beeksiise.
Hoggansa Olaanaa biyyattii dabalatee xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu fi rakkoo jirus mariin furuuf qophii ta’uu Ministeerri biyya keessaa Sudaan ibseera.
Sudaanitti ergamaan Addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimiroon Ministira Ministeera Biyya Keessaa Sudaan Leetanaan Jeneraal Anaan Hamiid Mahaammad Oomaar waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Yibalxaal, Lammiileen Alaa Sudaan jiraataan seeraa eeyyama jireenyaa guuttachuun irra jiraatus lammiileen Ityoophiyaa Sudaan keessatti argaman hedduun isaanii harka qalleeyyii ta’uu himaniiru.
Eeyyama jireenyaa kan hin qabne, Viizaa baafachuuf kaffaltii raawwachuu kan hin dandeenyee fi sanada imalaa kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Sababa kanaan Mootummaan Sudaan lammiilee kanneen bifa addaan akka keessummeessu gaafataniiru.
Ministirri Ministeera Biyya Keessaa Sudaan Leetanaan Jeneraal Anaan Hamiid Mahaammad Oomaaris gama isaaniin haala lammiileen Ityoophiyaa kunneen keessa jiraataan kan hubatan taa’uu fi Imbaasii Ityoophiyaa waaliin ta’uun lammiilee kanneen deeggaruuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Lammiilee Ityoophiyaa Sudaan keessa jiraatan kanneen rakkoon akka hin muudanne hoggansa dabalatee xiyyeeffannoon hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessuu ragaan Sudaanitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.