Lammiilee Ityoophiyaa Sawud Arabiyaa jiraatan kuma 102 ol gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jira- Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2014 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa seeraan alaa Sawud Arabiyaa jiraatan kuma 102 ol torbanoota sadan ittaananitti gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Minsteera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan.

Lammiileen Ityoophiyaa kumni 750 Sawud Arabiyaa kan jiraatan yoo ta’u kanneen keessaa kumni 450 seeraan ala kan jiraatan ta’uu ibsameera.

Lammiilee Ityoophiyaa Sawud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf Koreen raawwachiistuu biyyaalessaa hundeeffamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa, Ministeera Fayyaa, Ministeera Hojii fi Kalaqaa, Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa dabalatee dhaabbileen 16 miseensota korechaa ta’uu ibsameera.

Qidist Tasfaayeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment