Lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf karoora qophaa’eerratti mari’atame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf karoora qophaa’eerratti miseensota Koree Teeknikaa biyyaaleessaa waliin mariin gaggeeffame.

Qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechuu fi Hanqinoota kana dura turan furuuf marii faayidaa olaanaa qabu ta’uu ibsameera.

Sababa jijjiirrama gurmaa’iinsa dhaabbilee mootummaa keessatti taasiifameen Koree Teeknikaa biyyaalessaa irra deebiin akka haaraatti gurmeessuun barbaachisuu ibsameera.

Wixinee karooraa Ministeera Dhimma Alaan qopha’e kanarratti dhaabbilee Koree Teeknikaa biyyaaleessaa keessatti akka hammataman dhiyaatan dabalataan dhaabbilee biroo bakka buusuu fi tokkoon tokko dhaabbilee adeemsa lammiileen kanneen gara biyyaa deebisuu keessatti qooda isaanii ifatti ilaaluun gara hojiitti galuu qabu jedhame.

Imaammata Dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffate mootummaan hordofaa jiruun lammiilee gara biyyaatti deebisuuf xiyyeeffannoon laatamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment