Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1fi 30 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Hagayya 23, 2014(FBC)-Guyyaa har’aa lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 30 marsaa sadiin Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsame.

Lammiilee kanneen keessaa kumni 1 fi 28 dhiirota yoo ta’an 2 guddattoota ta’uu eerameera.

Lammiilee kanneeniif deeggarsiifi kunuunsi barbaachisaan erga taasifameefiin booda gara giddugala tursiisa yeroo qophaa’eef akka deeman taasifamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hanga ammaatti hojjetameen lammiileen kumni 71 fi 779 deebi’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment