Lammiilee Ityoophiyaa Chaayinaatti argamaniif vaayrasii kooroonan akka hin saaxilamneef hordooffin taasifamaafi jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa Chaayinaatti argamaniif vaayrasii kooroonan akka hin saaxilamneef hordooffin taasifamaafi jiraachuu ibsame.

Lammiilee Ityoophiyaa Yuunivarsitii Chaayinaatti barataan vaayraasii kooronaaf akka hin saaxilamneef imbaasiin FDRI Chaayinaatti argamuu qama ilaallatuu waliin hojjeechaa jiraachuu beeksiseera.

Gabaasa hanga guyyaa har’atti jiruun lammiileen Ityoophiyaa Yuunivarsitii Chaayinaatti baratan vaayrasichaan walqabate rakkoon tokkoollee akka isaan hin mudanne waajjirri dubbi himaan ministeera dhimma ala imbaasicha wabeeffachuun beeksiseera.

Keessumayyuu bakka kooroonaa vaayraasiin itti argame bulchinsaa Hubeey magaalaa Wuuhaanitti lammiileen Ityoophiyaa 300 barumsaa hordoofaa jiraatanis, rakkoon tokkollee akka isaan hin mudanne imbaasichii hojjeecha jiraachuu beeksiseera.

Tatamsa’innii vaayraasichaa Chaayinaan alattii biyyootaa garagaaraa keessaatti akka muldhacha jiraachuu ragaan waajjiricharra argame ni muldhisa.

Comments (0)
Add Comment