Lammiilee hongeef saaxilaman akkaataa tumsuun danda’amurratti dhaabbilee garaagaraa waliin mari’atame

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015(FBC)- Lammiilee hongeef saaxilaman akkaataa tumsuun danda’amurratti Dhaabbilee Siviilii hawaasaafi miti mootummaa waliin mari’atamuu ibsame.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa lammiilee sababa hongeen miidhamaniif akkaataa deeggarsi qaqqabuu qaburratti dhaabbilee siviilii Hawaasaa fi dhaabbilee miti mootummaa naannicha keessa socha’aan waliin waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti mari’achuu ibsameera.

Ittaanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin, hojiilee mootummaan lammiilee hongeef saaxilaman dandamachiisuuf hojjachaa jiruu fi deegarsa taasifamaa jiru irratti ibsa laataniiru.

Deeggarsa garaagaraa dhaabbileen miti mootummaa hanga ammaatti gumaachaniif galateeffachuun, ammallee lammiilee kanneen dandamachiisuuf tumsa eegalan cimsanii itti fufuu akka qaban gaafataniiru.

Mootummaan naannichatti rakkoo hongeen uumame furuuf karoora yeroo gabaabaa fi dheeraa baasee hojjachaa jiraachuu eeruun, milkaa’ina isaaf gaheen dhaabbilee miti mootummaa fi dhaabbilee siviilii olaanaa tahuu kaasaniiru.

Dhaabbileen siviilii Hawaasaafi miti mootummaa waltajjiicha irratti hirmaatanis, lammiilee hongeef saaxilaman dandamachiisuuf kan tumsan ta’uu ibsuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment