Lammiilee hongee fi walitti bu’iinsaaf saaxilamaan qorannoon adda baasuun deeggarsi taasifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC) – Waldaan Fannoo Dimaa Ityoophiyaa kuta biyyatti adda addaatti lammiilee hongee fi waraanaaf saaxilamaan qorannoon adda baasuun deeggarsa taasisaa jiraachuu beeksiseera.

Hoggantoonni boordii olaanoo waldichaa godina Baalee aanaa Goorootti lammiilee hongeen miidhamaan daawwataniiru.

Barreessaa olaanaan waldichaa obbo Geetaachoo Takkaa akka ibsaniiti, waldichi Lammiilee hongee fi walitti bu’iinsaaf saaxilamaan qorannoon adda baasuun deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Kanaanis aanolee godinichaa sadii keessaatti kan argaman abbootii warraa hongeen  miidhaman kuma 1 fi 150 caalaaniif marsaa jalqabaatiin meeshaaleen nyaata Birrii miiliyoona 5tti tilmaamamuu deeggarsa laatameefira.

Marsaa 2ffaanis aanaa Goorootti lammiilee hongeen miidhamaniif akaakuun alatti deeggarsa maallaqa taasisuuf qophii xumuramuu himaniiru.

Miidhamtoonnis gama isaaniin, herregni baankii baankii daldalaa Ityoophiyaan kan isaaniif banamee ta’uu ibsuun, yeroo itti aanuutti hongeerra dandamachuun jireenyasaanii hogganuu akka danda’aaniif mootummaan deeggarsa sanyii filatamaa akka taasisuuf gaafataniiru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment