Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Lammiilee walitti bu’iinsa, balaawwan umamaa fi haala rakkisaa keessa jiran biraan barnoota dhaqqabsiisuuf hirmaannaan qaamolee dhimmichi ilaallatu murteessaa ta’uu Ministeerri Barnootaa ibse.
Lammiilee haala rakkisaa keessatti argamaniin barnoota qulqullina qabu ga’uuf, kan kaayyeffate walga’iin biyyoolessaa qaxanaa Gaanfaa Afriikaarratti xiyyeeffate Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Ministeeraa Barnootaatti Hoji Gaggeessaan Dhimmootaa Akkaadaamii Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Eebbaa Mijanaa sababa waraanaa, walitti bu’iinsaa fi balaa uumamaatiin lammiilee hedduun barnootaa qulqullinaa qabuu argachuu dhabuuf sababa ta’eera jedhan.
Keessumaa, daa’immaan barnootaarraa hafuu fi fagaachuu hinqaban jedhanii, kanaaf qaamoleen dhimmichi ilaallatuu hirmaannaa taasisuu qabu ibsan.
Kaayyoon walga’ichaa qaxanicha keessattis ta’e buqqaatota daangaa ce’anii fi haala rakkisaa keessa jiran akkamiin barnoota argachuu akka danda’an yaadota furmaataa maddisiisuuf ta’uun ibsameera.
Koonfiraansicharratti damechaan qorannoowwan 32 fi tarsiimoon sadii dhiyaatanirratti akka mari’atamuu eerameera.
Walga’ichis guyyoota 3’f kan turu ta’uu himameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.