Lammiilee godina Matakkalitti buqqa’aniif deeggarsi Birrii miiliyoona 9.2 walitti qabamu ibsame

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC)- Lammiilee godina Matakkalitti buqqa’aniif deeggarsi Birrii miiliyoona 9.2 walitti qabamu koreen galii walitti qabu naannichaa beeksise.
Naannichaatti korichi lammiilee buqqa’aniif galii Birrii miiliyoona 50 walitti qabuuf karoorfatee gara hojiitti galeera jedhame.
Torbee tokko keessaattis galii Birrii miiliyoona 9.2 walitti qabeera.
Deeggarsichaarratti dhaabbilee mootummaa naannichaa, hoggantootaa fi hojjettoota mootummaa fi qaamoleen garagaraa hirmaataniiru.
Koriichis hanga dakaatti gadi bu’uun hawaasa waliin mari’achuun deeggarsicha walitti qabuuf hojjeta jira jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment