Lammiilee Godina Matakkalirraa buqqa’aniif deeggarsa namoomaa taasisuuf magaalaa Gilgil Balasitti giddugalli yeroo banamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC) – Lammiilee Godina Matakkalirraa buqqa’aniif deeggarsa namoomaa taasisuuf magaalaa Gilgil Balasitti giddugalli yeroo banamuu ibsame.
Lammiilee Godina Matakkalirraa buqqa’aniif deeggarsa namoomaa taasisuuf magaalaa Gilgil Balasitti giddugalli yeroo banamuu Komishinii Sodaa Balaa fi Hojii Gaggeessaa Naannoo Beenishaanguul Gumuuz beeksise.
Komishinarri komishinichaa Taarraqany Tasiisaa kaayyoon hundeeffamuu giddugala qindeessaa deebii balaa yeroo ariifachiisaa deeggarsa namoomaa laachuurra darbee buqqaatoota qe’ee duraan turanitti deebisuuf ta’uu eeraniiru.
Wayita mmaa godina Matakkalitti buqqaatoonni kuma 100 fi kuma 4o iddoo buufata 12 keessatti walitti qbamanii akka jiran ibsaniiru.
Godinichatti aanoota 7 keessatti lammiilee buqqa’aniif nyaataa fi akaakuun garagara dhiyaachaafi kan jiru yoo ta’uaanoota hundatti karaa giddugala qindeessaa deebii balaa yeroo ariifachiisaa dhiyaachaafi jiraachuu himaniru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment