Lammiilee Ertiriyaa kola galtummaa gaafataniifi Poolisii Isiraa’eel gidduutti walitti bu’iinsa mudateen miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Hagayya 27, 2015 (FBC) – Qophii Isiraa’eetti Embaasii Eertiriyaa qopheesse hordofee mormii lammiileen kolagaltummaa gafatan kaasaniin miidhaan qaqqabuu ibsameera.

Walitti bu’iinsa uumameen qondaaltoota Poolisii Isiraa’eel dabalatee namoonni 140 madaa’uu eerameera.

Poolisiin Isiraa’eel mormicha tasgabbeessuuf yaalii taasisuus mormitoonni meeshaalee garaagaraan Poolisootarratti haleellaa raawwachuu ‘The New Arab’ gabaaseera.

Diyaaspoorawwan Eertiriyaa Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaatti argaman guyyaa bilisummaa Eertiriyaa waggaa 30ffaa kabajuuf Feestivaal qopheessuu hordofee qaamolee mootummaa deeggaranii fi morman gidduutti mormii cimaan ka’uu eeramera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment