Lammiilee Dubaayii fi Ajmaanitti wal’aansarra turan gara biyyaa deebisuuf ni hojjetama- Ambaasaaddar Akliiluu Kabbadaa

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Lammiilee Dubaayii fi Ajmaanitti yeroo dheeraaf wal’aansarra turan gara biyyaa deebisuuf kan hojjetamu ta’uu Ambaasaaddar Akiliiluu Kabbadaa ibsan.

Gareen Dubaayii fi Kaaba Eemireetotaatti Qonsilaa Jeneraal Ambaasaaddar Akiliiluu Kabbadaa fi dippiloomaatota akkasumas miseensota boordii waldaa hawaasa Ityoophiyaa of keessatti haammate lammiilee yeroo dheeraaf bulchiinsota Dubaayii fi Admaanitti wal’aansi fayyaa taasifamaafi ture daawwateera.

Garichi hospitaalota Dubaayitti hospitaala Asteer, Saa’udii Jarman Hospitaal akkasumas bulchiinsa Ajmaanitti Hospitaala Toombaayitti argamuun lammiilee wal’aansi yaala fayyaa taasifamaafii jiru gaafachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Akiliiluun haala fayyaa lammiilee kanneenii irratti hoggantoota hospitaalotaa waliin mari’ataniiru.

Yeroo itti aanuttis hospitaalota kanneen waliin ta’uun hordoffii fi deeggarsi lammiilee kanneeniif taasifamu kan itti fufu ta’uu fi hojiin gara biyyaatti isaan deebisuu kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment