Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC) – Naannoo Tigraay dabalatee lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsi namoomaa yeroo dhiyaachaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa ibseera.
Dhaabbileen deeggartootaa 37 hanga Fulbaana 21, 2014tti deeggarsa namoomaa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 82tti tilmaamamu naannoo Tigraayiif akka dhiyeessan eeyyamamuu komishinichi ibseera.
Imalli Samaraa gara Maqalee taasiifamu banaa ta’uu hordofee deeggarsi namoomaa Meetirik Tooniin kumni 16 fi 96 lammiilee deeggarsa namoomaa yeroo barbaadaniif konkolaattoota 616 fe’amanii akka geeffaman taasiifamuu Itti gaafatamaan Quunnamtii ummataa fi Kominikeeshinii komishinichaa obbo Dabbabaa Zawdee ibsaniiru.
Dabalataan meeshaaleen nyaataan alaa meetirik tooniin kumni 5 fi 825 tajaajilamtootaaf akka dhiyaatu taasiifamuu himaniiru.
Akkasumas Boba’aan leetirri kumni dhibbi 7 fi kumni 59 fi 235 fi sanyiin filatamaan meetirik Tooniin kumni 1 fi 36 gara naannoo Tigraay akka galu taasiifamuu obbo Dabbabaan himaniiru.
Naannoo Amaaraatti buqqaatoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 20 mootummaan gargaarramaa kan jiran yoo ta’u, lammiileen kuma 60 ol ta’an dhaabbilee mit mootummaan deeggaramaa jiraachuu kaasaniiru.
Naannoo Afaariittis buqqaatoota aanaalee 6 irraa buqqa’an kuma 76 keessaa % 28 mootummaan, % 72 sagantaa nyaataa addunyaan deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu itti gaafatamichi dubbataniiru.
Hanga ammaatti midhaan nyaataa kuntaalli kumni 11 fi 232 gara naannichaa ergamuu ibsuu isaanii EBCn gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.