Lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa taasisuuf Birrii biiliyoona 9.2 barbaachisa-TKM

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC)- Lammiilee adda baafamaniif deeggarsa dhiyeessuuf maallaqa Birrii biiliyoona 9.2 akka barbaachisu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawiiti Kaasaan ibsa miidiyaaleef kennaniin, hanqinaalee roobaa biyyattii naannawaa garaagaraatti mudatee fi hongee hordofsiiseen lammiilee miidhamaniif deeggarsi barbaachisaan taasifamaa jiraachuu ibsan.

Haaluma kanaan bara baajataa 2016 marsaalee sadiin deeggarsi tasifamuu yaadachiisan.

Adoolessaa 2015 hanga Muddee 15, 2016’tti, mootummaan, dhaabbilee tumsitootaa waliin ta’uun, marsaa jalqabaan lammiilee miiliyoona 7.3’f, marsaa 2ffaan lammiilee miiliyoona 3.6’f, marsaa 3ffaan lammiilee miiliyoona 6.5’f deeggarsi akka qaaqqabu taasifamuu eeran.

Lammiilee kanneefis deeggarsi hatattamaa midhaan nyaataa dabalatee maallaqaa callaan Birrii biiliyoona 2 taasifamuu himan.

Deeggarsi taasifame kunis %77 (Birrii biiliyoona 11’tti kan tilmaamamu) mootummaan kan uwwifamee fi %23 (Birrii biiliyoona 4 kan ta’u) ammoo dhaabbilee tumsitootaan taasifamuu eeraniiru.

Mootummaa fi Dhaabbilee Tumsitootaan deeggarsi taasifamaa jirus lammiilee deeggarsa hatattamaa dursii barbaachisuun, sababa hongee fi walitti bu’iinsaan qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif kan qaqqabsiifame ta’uu kaasaniiru.

Fuulduratti, hongeen mudate kan itti fufu yoo ta’e, lammiilee deeggarsi hatattamaa barbaachisaa taasisuuf hojiin deeggarsa barbaachisaa walitti qabuun karoorfamee itti fufiinsaan kan gaggeeffamu ta’uu Salamaawit Kaasaan akeekaniiru.

Haaluma kanaa baatii Amajjii hanga Bitootessaa 2016tti lammiileen miiliyoona 6.6’f deeggarsa guyyuu hatattaamaa akka barbaachisu adda baafamuu ibsanii, kana keessaa lammiileen miiliyoona 4 ta’an Naannoo Tigraay, Amaaraa fi Afaaritti kan argamaniif ta’uu dubbatan.

Dabalataan Naannoolee Oromiyaa, Kibbaa fi Kibba Lixaatti lammiilee hongee fi walitti bu’iinsaaf saaxilamiif deeggarsi hatattamaa akka barbaachisuu addaa baafameera jedhan.

Kana malees lammiilee sababa hongee, balaa lolaa, walitti bu’iinsaaf saaxilaman miiliyoona 2.6’f deeggarsi akka barbaachisu ibsaniiru.

Yeroo ammaas mootummaa federaalaan qamadiin kuntaala kuma 500 dhiyeessuun, lammiilee miiliyoona 3.3 fayyadamtootaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Lammiilee deeggarsii barbaachisuu adda baafamaniif deeggarsa dhiyeessuuf karoorafameef maallaqa Birrii biiliyoona 9.2 akka barbaachisu ibsaniiru.

Lammiilee kanneen baraaruuf Mootummaan federaalaa, naannolee, dhaabbileen tumsitootaa, hawaasni bal’an deeggarsa taasifamuuf gumaacha akka taasisan dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment