Lammiilee buqqa’an deebisanii dhaabuu fi bu’uuraalee misoomaa barbadaa’e deebisanii ijaaruuf DhMG waliin hojjechuuf qophiidha- Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Fulbaana 14, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Itti aanaa Barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Jeenee waliin Niwuu Yoorkitti mari’atan.

Ityoophiyaatti iddoolee garaagaraatti lammiilee sababoota garaagaraan qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii fi bu’uuraalee misoomaa barbaada’e deebisanii dhaabuuf mootummaan Ityoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin hojjechuuf qophii ta’uu obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Raawwii galma misooma Itti fufaa, kenniinsa tajaajila deeggarsa namoomaa fi dhimmoota haala waqtaawaarratti mari’achuu isaanii ibsameera.

Obbo Dammaqaan deeggarsa hunda galeessa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Ityoophiyaaf taasiise galateeffachuu ragaan Waajjira Itti aanaa Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment