Lammiilee Booranaa hongeen miidhamaniif galii walitti qabuuf Konsartiin qophaa’e – WAO

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Lammiilee Booranaa hongeen miidhamaniif galii walitti qabuuf Konsartiin qophaa’uu Waldaan Artiistoota Oromoo beeksise.

Konsartii ‘Lammiikoof’ jedhu qopheessuuf haal dureen xumuramuu waldichi ibsa miidiyaaleef laateen himeera.

Konsartichi Artiistota Oromoo biyya keessaafi alaatiin kan qindaa’e ta’uu eerameera.

Konsartii kanarratti namoonni kumni 25 ol ni hirmaatuun kan eegamu ta’uu ibsameera.

Karaa ergaa gabaabaa 655, Teeleetoonii miidiyaa hawaasaa fi Lakkoofsa herreega Baankii maqaa Artiistoota 4n banameen deeggarsa taasiisuun kan danda’amu ta’uu eerameera.

Hawaasni karaalee gargaarsaaf qophaa’e kanneen hundaan hirmaachuun uummata isaa cinaa akka dhaabbatu waldichi waamicha dhiyeesseera.

Jaalallii Hayiluutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment