Lammiilee biyyaa alaa seeraan ala barbaacha albuudaarratti bobba’an to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Seeraan ala barbaacha warqee fi albuudalee biroorratti kanneen bobba’an lammiileen biyya alaa fi deeggartoonni isaanii to’annoo jala oolfamuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksise

Sanadaa imalaa mirkanaa’aa, viisaa seensaa akkasumas eeyyama jireenyaa utuu hinqabaatiin seeraan ala gara Ityoophiyaa seenuun Naannoo Gaambeellaatti seeraan ala barbaacha Warqee fi albuudaalee biroorratti kan bobba’an lammiilee biyya alaa 45 fi lammiileen Ityoophiyaa sadii harkaa fi harkatti to’annoo jala oolfamuun, qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu humnichi waloo ibseera.

Haaluma walfakkaatuun seeraan ala naannoo Beenishaangul Gumuzitti barbaachaa warqeefi albuudalee biroorratti kanneen bobba’an lammileen biyya alaa 47, waldaalee itti gaafatamni isaan murtaa’e sagal, lammiileen Ityoophiyaa torba to’annoo jala oolfamaniiru.

Ityoophiyaan damee albuudaarraa fayyadamtuu akka hintaaneef albuudalee seeraan ala baasuun kontirobaandiin gara alaatti akka baasan biraa ga’uu humnichi waloo ibseera.

Dabalataan Ityoophiyaatti seeraan ala barbaachaa albuudaarratti kanneen bobba’an to’achuun Naannoo Gambeellaa fi Beenishaangul Gumuzitti murtaa’ee kan hafu utuu hintaane naannolee biroottis cimee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.

Shakkamtoonni kan to’ataman eeruu hawaasaa naannawaarraa qaqqabeen ta’uu eeruun hawaasni tumsaa taasiseef humnichi waloo galateeffateera.

Naannawaa kamittuu yakkaa walfakkaataa diinagdee biyyattiirratti raawwatamuu ittisuu fi to’achuuf hawaasni qaamolee nageenyaa waliin qindoomuun, eeruu kennuun tumsa taasisaa jiruu cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeessuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment