Lammiilee biyya alaa jiraatan waliin qindoominaan hojjechuuf mari’atame

Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil muuxannoo fi beekumsa lammiilee biyyaa alaa jiraatanii qindeessuun haala waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achuu ibsan.

Dameelee xiyyeeffannoo misooma humna namaa fi teeknooloojii, ilaalcha kalaqa hojii fi carraa hojii uumuu akkasumas nageenyummaa ogummaarratti muuxannoo fi beekumsa lammiilee biyyaa alaa jiraatanii qindeessuun hojiirraa oolchuu haalota danda’eessisanirratti Daayrektara Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Dooktar Mahaammad Indiriis waliin mari’achuu eeran.

Beekumsii fi muuxannoon Ityoophiyaanota ala jiraatanii milkaa’ina guddina diinagdee fi hawaasummaaf ga’umsa olaanaa kan qabu ta’uu toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment