Lammiilee Biyya alaa 20 dabalatee deddeebistoonni baala sammuu hadoochuu hidhaa cimaan adabaman

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2017 (FBC)-Lammiilee Biyyaa Alaa 20 dabalatee himatamtoonni yakka baala sammuu nama hadoochu deddeebisan hidhaa cimaa waggaa 2 hanga waggaa 12’n akka adabaman itti murtaa’e.

Qajeelchi Waliigalaa Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa, bara bajataa 2016 eeruuwwan baala sammuu nama hadoochu qaqqaban keessaa galmeewwan qorannoo namaa fi sanadaan qulqulleessee abbaa alangaaf erguu beeksiseera.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddachi Yakka Daangaa Cehaa 1ffaa galmeewwan qorannoo 24 qoratee himatamtoota yakka daddabarsa baala sammuu nama hadoochu dhorkaa ta’an raawwatan irratti hidhaa cimaa waggaa 2 hanga waggaa 12 akkasumas Birrii kuma 2 hanga kuma 8’n akka adabaman itti murteesseera.

Himatamtoonni kunneen Biraazil(Saa’oopooloo), Afriikaa Kibbaa(Johaansibarg), Finfinnee, Angoolaa, Taanzaaniyaa, Keeniyaa fi biyyoota biroo ka’umsa taasifachuun, Naayijeeriyaa(Legos), Afriikaa Kibbaa (Johaansbarg), Hindi, Dubaayi, Taayilaanditti baala samuu hadoochii kan daddabarsan ta’uu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment