Lammiilee biizinasii waaddii foon lukkuu irraa fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira-Obbo Nugusuu Xilaahuun

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)- Lammiileen biizinasii waaddii foon lukkuu irraa fayyadamoo akka ta’uun, diinagdee hawaasaa fooyyessuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuus Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Obbo Nigusuu Xilaahuun ibsan.

Jilli Obbo Nugusuu Xilaahuuniin durfamu sagantaa hojii waaddii foon lukkuu daandiirratti qopheessuu Magaalaa Adaamaatti jalqabsiiseera.

Obbo Nugusuu Xilaahuun saganticharratti haasawaa taasisaniin, ministeerri hojii fi Ogummaa seektarootaa carraa hojii 11 adda baasuun hojjechaa jiraachuu eeranii, keessumaa sektera qonnaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Lammiileen biyyattii biizinasii waaddii foon lukkuu irraa fayyadamoo akka ta’an, diinagdee hawaasaa fooyyessuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuus ibsan.

Sagantaa biizinasii waaddii foon lukkuu daandiirraa hojiitti hiikuuf sochiin Naannoon Oromiyaa taasisaa jiru fakkeenyummaa gaariidha kan jedhan Obbo Nugusuun, naannoleen kaanis muuxannoo kana qooddachuun milkaa’ina sagantichaaf xiiqiin hojjechuu akka qaban dhaaman.

Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Injiinar Eebbaa Garbaa gama isaaniin, mootummaan qabeenya uumamaa fi humna namaa qixaan hogganuun madda carraa hojii taasisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himan.

Biirichis inisheetiivii horsiisa lukkuun bulchiinsa magalootaa fi godinaalee naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiruun kilaastaroota horsiisa lukkuu madda carraa hojii taasisuu bira darbee utubaa diinagdee biyyaa taasisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Sagantaan biizinasii waaddii foon lukkuu daandiirraa dargaggootaaf carraa hojii uumuun cinatti nyaata madaalawaa dhiyeessuu fi qaala’insa gabaa diinagdee tasgabbeessuuf kan gumaachu ta’uu himuu ragaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment