Lammiilee balaa lolaan buqqa’an kuma dhibba 1 fi kuma 77f deeggarsa namoomaa taasisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti Lammiilee balaa lolaan buqqa’an kuma dhibba 1 fi kuma 77f deeggarsa namoomaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksise.
 
Koomishinichi Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif akka ibsetti, Rooba cimaa idilee ol roobaa jiruun balaa lolaa mudateen hanga ammaatti naannolee 7 keessatti miidhaan qaqqabeera.
 
Hanga ammaatti guutuu biyyattiitti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 77 ol qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniiru.
Naannoo Oromiya fi Afaariitti lammiilee sababa lolaan buqqa’aniif deebiin hatattamaa taasiifamaa jiraachuu ibsameera.
 
Haalli Roobaa haala ammma jiruun itti fufnaan lammiileen miiliyoonni 2.6 ol balaa lolaaf saaxilamuu akka danda’an Koomishiniin hoggansa Sodaa Balaa biyyaalessaa beeksiseera.
 
Kanneen keessaa namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 34 qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu danda’u jedhame.
 
Haylayesuus Makkoonniintu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment