Finfinnee, Mudde 26, 2017 (FMC)-Naannoolee Oromiyaa fi Afaaritti kirkira lafaa mudachaa jiruun deebii kennamaa jirurratti Komishiniin Hoggansa Soda Balaa Itiyoophiyaa ibsa kenneera.
Naannoo Oromiyaa Aanaa Fantaalee fi Naannoo Afaar Aanaa Dulachaatti kirkirri lafaa mudachuun akeekkachiisa duraa kennamuu hordofee mootumman hojiilee garagaraa hojjechaa jira.
Hanga ammaattis hojiileen hojjetamaa jiran bu’a olaanaa galmeessaa jiru jedheera.
Haaluma kanaan aanaalee lameenitti lammiileen kuma 15 saaxilamtootaa balichaa yoo ta’an, hanga ammaatti lammiileen kuma 7 naannawaa taatechaarraa bakka biraa qubsiifamuu ibseera.
Naannoo Oromiyaa Aanaa Fantaalleetti lammiileen gandoota shaniitti lammiileen kuma 16 fi 182 saaxilamtoota yoo ta’an, hanga ammaatti lammiileen kuma 7 fi 350 naannawichaa baafamuu ibseera.
Lammiilee hafan kuma 8 fi 823 ammoo guyyoottan itti aanaan naannawichaa akka baafamaniif hojjetamaa jiraachuun eerameera.
Naannoo Afaar Aanaa Dulachaatti ammoo lammiilee kuma 20 rakkoochaaf kan saaxilamanii fi hanga ammaatti lammiileen kuma 6 fi 223 naannichaa baafamuu Komishinichi beeksiseera.
Koreen Ogeeyyii Saayinsii Yuunivarsiiti Finfinnee fi dhaabbilee dhimmichi ilaallarraa babba’an taatecha hordofaa jiraachuu ibsuun, eeggannoo duraa taasifamuu qaban ilaalchisee walitti fufiinsaan odeeffannoowwan ummataan kan ga’an ta’uu himeera.
Kanas miidiyaalee hawaasaa fi marsariitii Koomishinichaan hordofuun akka danda’amu beeksiseera.
Kutaalee hawaasaa naannawaa kirkira lafaa jiraatan, eeggannoowwaan kirkiraan dura, wayita kirkirri mudatuu fi kirkiraan booda taasisuu qabanirratti odeeffannoo kennaa kan jiru ta’uu himeera.
Deeggarsa namoomaa gama taasisuun hanga ammatti kutaalee hawaasaa kuma 70’f nyaataa kuntaala kuma 11 fi 550 fi abbootii warraa 700’f ammoo meeshaaleen garaagaraa ergamuu eereera.
Kunis Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 16 fi kuma 500 fi kuma 62 olitti kan tilmaamamu yoo ta’u, meeshaaleen ammoo Birrii miiliyoona 65 fi kuma 600 fi kuma 25, dimshaashumatti Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 81 fi kuma 500 fi kuma 62 olitti kan tilmaamamu ta’uun eerameera.
#Oromia #Ethiopia