Lammeechaa Girmaan Fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3’n sa’aatii saffisaa galmeessuun injifate

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC) –Fiigicha gufachiisaa Daayimandi Liigii meetira kuma 3’n Siwiidiinitti gaggeeffamee Atileet Lammeechaa Girmaan sa’aatii saffisaa galmeessuun injifateera.
Dorgommicha Atileet Lammeechaa Girmaan daqiiqaa 8, sekoondii 1 fi maayikiroo sekoondii 63’n xumuruun yoo injifatu, Saamu’eel Fireewu daqiiqaa 8, sekoondii 5 fi maayikiroo sekoondii 78’n sadarakaa 2ffaan xumuruu danda’eera.
Atileet Gannet Waalee sadarkaa 4ffaan akkasumaas Atileet Saamu’eel Dhugumaan sadarkaa 11ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Dargommii kana fiigicha meetira kuma 1 fi 500 dubartootaan Atileet Birqee Hayyaaloom sadarkaa 4ffaan xumuruun ibsameera.
Fiichicha meetira 800’n ammoo Atileet Tigisti Geetaachoo sadarkaa 4ffaan xumuruun ibsameera.
Comments (0)
Add Comment