Lakkuu qabxii eebbaa walfakkaatuun Yuunivarsiitii Jimmaarraa eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Lakkuu qabxii eebbaa barnoota waliigalaa (CGPA ) walfakkaatu galmmeessuun Yuunivarsiitii Jimmaarraa eebbifaman.

Yuunivarsiitiin Jimmaa har’a barattoota oggummaa garaagaraan barasiisaa ture eebbisiiseera.

Obboleeyyaan lamaan/Lakkuun Yooseef Mollaawarqii fi Salamoon Mollaawarqi jedhaman Yuunivarsiitii Jimmaa Inistiityuutii Teeknooloojjiitti barnootaa Maandisummaa Baayoomeedikaalii hordofaa turaniiru.

Lakkuun kunneen qormaata bahiinsa Yuunivarsiitii qabxii gaarii galmeessuu isaanii himameera.

Barnoota idileen duraa jalqabee kutaa tokko keessatti barachaa kan turan obboleeyyaan kunneen qabxii qormaata bahiinsaa walitti hiiquu fi qabxii eebbaa walfakkaatu galmeessuun eebbifamaniiru jedhame.

Yooseef Mollaawarqii qormaata bahiinsa Yuunivarsiitii qabxii 71 kan fide yoo ta’u, Obboleessi isaa Salamoon Mollaawarqi qabxii 73 galmeessaniiru.

Barattoonni kunneen qabxii eebbaa waliigalaa (CGPA ) kan walfaakkaatu galmeessuun eebbifamuu isaanii ragaan fuula Inistiityuutii Teeknooloojii Yuunivarsitii Jimmaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment