Lakkuu fi Obboleettii isaanii: Miidhagina Eebba Barattootaa Yuunivarsitii Madda Walaabuu

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu dameewwan garaagaraan barattoota barsiisa ture kuma 1 fi 489 eebbisiiseera.

Kanneen keessaa barattoonni lakkuun Muummee Saayinsi Kompiwuutaraan, obboleettiin isaanii ammoo Barnootaa Seeraan eebbifamaniiru.

Eebbifamtoonni kunneen Yoonaattaan Daraggee, Naataan Darajjee fi obboleetti isaanii Ye’aabsiraa Darajjeen kan dhalatanii guddatan Magaalaa Finfinneetti.

Lakkuun kunneen umriin isaanii waggaa 22 yoo ta’u, lameen isaanii Saayinsii Kompiwuutaraan eebbifamuun namoota hedduu kan raajeffachiiseedha.

Yoonaattaan Darajjeen qabxii 3.66, Naataan Darajjee 3.2 kan fidan yoo ta’u, obboleettiin isaanii Ye’aabsiraan ammo Barnootaa Seeraan 3.5 fiduun eebbifamaniiru.

Obbolaan Sadeen yuunivarsiitii tokkorraa qormaataa bahumsaa darbuun eebbifamuun gammachuu isaanitti dhagaa’ame olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Eebbifatoonni adda kunneen akka ibsanitti addunyaa hojii keessatti cimanii hojjechuun dhaabbataa biyyaaf bu’aa buusu banuuf kayyoo akka qaban ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment