Lakkoofsi yaallamtoota wallaansa cimaa dhibee Covid- 19 saffisa olaanaan dabalaa dhufee jira – Dooktar Liyaa

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) – Lakkoofsi yaallamtoota wallaansa cimaa dhibee Covid- 19 saffisa olaanaan dabaluun humna simannaa dhaabbilee fayyaa ol ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan himaniiru.
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi too’achuun xiyyeeffannoo cimaa akka barbaachisu Dooktar Liyaan ibsa har’a laataniiru eeraniiru.
Ityoophiyaatti yeroo ammaa namoonni yaala wallaansa cimaa barbaadaan daraan dabalaa dhufuu eeruun, magaalaa Finfinneetti humna simannaa dhaabbilee fayyaa ol ta’aa dhufuu himaniiru.
Namoota guyyaa guyyaan yaala dhibee Covid -19f gara giddugala yaalaa dhufan keessaa giddugaleessan dhukkubsatoonni 305 kutaa yaala wallaansa cimaa keessatti kan argaman ta’uu Dooktar Liyaa ibsa laataniin eeraniiru.
Kanneen keessaa dhukkubsatoonni 40 hanga 45 ta’an meeshaa hargansuu namtolchee kan fayyadaman ta’uu himaniiru.
Haala hanga ammaatti jiruun namoota kutaa wallaansa cimaa keessa galan keessaa %59 lubbuun darbuu ibsaniiru.
Dagannaan yeroo ammaa hawaasa keessatti muul’atu rakkoo ga’aa jiruuf gumaacha olaanaa taasiisuu Dooktar Liyaan eeraniiru.
Haalli ammaa kun itti fufe taanaan yeroo gabaabaa keessatti kutaa wallaansa cimaa akka biyyatti jiru ol ta’uu akka danda’u sodaa qaban himaniiru.
Miidhaa weerarri vaayrasii koroonaa geessisuu fi qaqqabsiisuu danda’u ittisuu fi too’achuun hojii qaama yookaa dhaabbilee muraasa qofaaf laatamu osoo hin taane dhimma lammiileen hundi xiyyeeffannoo itti laachuu qaban ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Ityoophiyaatti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 6 fi kuma 83 fi 558f qorannoon laabraatoorii taasiifameera.
Kanneen qorannoon taasiifameef keessaa % 6.8 vaayraasii koroonaan qabamuu mirkanaa’eera jedhame.
Namoota vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e keessaa % 1.5 dhibichaan lubbuu isaanii dhabuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment