Lakkoofsi uummata adduunya waggoottan 50 booda hir’achaa dhufe- Qorannoon

Finfinnee, Adoolessa 9, 2012 (FBC) – Lakkoofsi uummata adduunya waggoottan 50 boodaa hir’achaa akka dhufe qorannoon ibsera.

Bara Faranjoota 2064 lakkoofsi uummata addunyaa biiliyoona 9.7 kan qaqqabuu ta’uus garuu bara 2100 biiliyoona tokkoon hir’achuun biiliyoona 8.8 akka ta’uu qoranichii ibseera.

Qorattoonni Yuunivarsiiti Waashiingitan akka ifoomsanitti, waliinga’iinsi barnoota dubartootaa fi to’annoo maatii hammaa foyya’aa ta’een dabaluun hammi dhaloota sadarkaa olaanaan hir’achaa akka deemuu qorannichan ifoomsaniiru.

Jaappaan, Taaylaand, Xaalyaan fi Ispeen dabalatee ummaanni biyyoota 24  %50 oliin akka hir’atu qorattoonni kunneen ibsaniiru.

Ta’us lakkoofsi uumattoota Afrikaa Saaharaa gadi jiraatanii dacha 3 ta’uu danda’aa jedha qoranichi.

 

Comments (0)
Add Comment