Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC) –Ministeera Fayyaatti Daayreekatarri Hariiroo Ummataa fi Kominikeeshinii Dooktar Taganee Raggaasaa guyyaa 2n darbanitti qofaa namoonni 615 kutaa wal’aansa cimaa keessatti deeggarsi yaalaa taasifamaa jiraachuufi himaniiru.
Kanarra kan darbe lubbuun namoota 29 sababa vaayrasichaa darbuu kaasaniiru.
Wayita ammaa tattamsa’inni vaayrasichaa dabalaa jirachuu ibsaniiru.
Dhaabbiilee yaalaa keessatti meeshaaleen afuuraa ittin baafatan wal’aanamtootaf dabareen kennamaa jiraachuu himaniiru.
Hawaasni ofeeggannoo barbaachisaa akka taasisu Dooktar Taganee Raggaasaa eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.