Lakkoofsi miseensota Buusaa Gonofaa miiliyoona 17 caaluu ibsame

Finfinnee, Hagayya 17, 2015 (FBC) – Lakkoofsi miseensota miiliyoona 17 caaluu fi qabeenyi Birriin biliyoonnni 1.7 ol sassaabamuu Waajjirri Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksiise.

Kallattii Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kennaniin kan hundeeffame Waajjirri Buusaa Gonofa Oromiyaa bu’aa fidaa jirun xiyyeeffannoo qaamota garagaraa harkisaa jiraachuun ibsameera.

Jilli Biiroo Ittisa Balaa Mootummaa Naannoo Somaalee gurma’iinsaafi hojii Buusaa Gonofaa irra muuxannoo qoodachuuf hooggansa Waajjirichaa waliin mari’ateera.

Buusaa Gonofaa Oromiyaan gurma’iinsaafi caaseffama akka Naannoo Oromiyaatti humna waloo uumuuf gahee guddaa qabaatu jedhamanii, kallattii Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa kaa’aniin hundeeffaman keessaa tokko kan ta’eefi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jiruudha jedhame.

Akkasumas Mootummaan Naannoo Oromiyaa caaseffama biroo sadii dabalata Nageenya Walootiif Gaaachana Sirnaa, Misooma Walootif Tajaajila Lammummaa, Haqa Walootiif Mana Murtii Aadaa gurmeessee hojiirra jiraachuus jila kanaaf ibsamee jira.

Buusaa Gonofaan Aadaa walgargaarsaafi waldeeggarsa hawaasaa waggootaaf ture bu’uura gochuudhaan kan hundeeffame yoo ta’u, galma deeggarsaa ol ta’e qabatee hojjechaa jira.

Akka Naannoo Oromiyaatti eega hojiirra oolee miseensota miiliyoona 17 ol kan qabu yoo ta’u, qabeenya biiliyoona 1.7 sassaabuu kan danda’eefi sagantaa nyaata barattoota biyyoolessaa keessatti barattoota miiliyoona 6.5 soorachiisuu keessatti qooda guddaa taphachaa jiraachuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment