Lakkoofsi herrega baankii diyaaspooraan RIB’f deeggarsa taasisu ifoome

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Ministeerri Maallaqaa, Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisuu akka danda’aniif lakkoofsa herregaa baankii ifoomse.

Ministeerrichi ibsa baaseen Ityoophiyaan dafqa, dhiigaa fi lafee loltootaa isheerratti kan bu’uureffamtee ta’uu ibseera.

Gootonni ijoollee Ityoophiyaa halleellaa yeroo garaagaraatti aggaamame wareegamuun Ityoophiyaa itti fufsiisuu ibsuun, adeemsa kana keessatti deeggarsi Ityoophiyaanota biyya alaa jiraatanii olaana ta’uudha jedheera.

Ityoophiyaan imala qormaataa fi injifannoo murteessaaf daandii qaxxaamuraarraa jiraachuu ibsuun, diinonni Ityoophiyaa irra deebiin waraanaa labsuu fi gochaa Ityoophiyaa salphisuu eegaluu eereera.
Humnoonni ittisaa Ityoophiyaa ummata waliin ta’uun gootummaan qolachaa jiraachuu ibseera.

Qabsoon taasifamaa jirus nageenyaa waaraa ijaaruuf ta’uu ibsuun Ityoophiyaanonni biyya alaa deeggarsa taasisan akka itti fufan waamicha dhiyeesseera.

Haaluma kanaan Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa, lakkoofsa herregaa Baankii Daldalaa Ityoophiyaatti baname 1000439142832 (Yuuroo), 1000439142786 (Doolaaraa), 1000443606304 (Paawundii) deeggarsaa taasisuu akka danda’an beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment