Lakkoofsi buqqaattoota idil addunyaa miiliyoona 110 ga’e

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2015 (FBC) – Sababa walitti bu’iinsa garagaraan lakkoofsi buqqaattoota idil addunyaa miiliyoona 110 ga’uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanitti Ejansiin Godaantootaa beeksise.

Lakkoofsichi xumura bara darbee miiliyoona 19 irraa gara miiliyoona 109.4 ol guddachuu lakkoofsi kun dhuma bara darbee miiliyoona 19 turerra gara miiliyoona 108.4tti ol guddachuu Eezyiiyaan Waan gabaasa Ejansicha wabeeffachuun gabaaseera.

Lakkoofsa godaantootaa sadarkaa idil addnuyaatti bara baraan galmaa’aa turerraa kan bara kanaa olaanaa ta’uu eerameera.

Waraanni Yuukreenii fi walitti bu’iinsi Sudaan lammiileen miiliyoonaan lakkaawwam akka godaananiif sababa ta’uu fi qabeenya hedduu barbadeessuu himameera.

Waraanni Sudaan torbeewwan 8 itti fufe lakkoofsi godaantootaa daraan akka dabalu sababa olaanaa ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarri Olaanaan Filiippoo Giraanddiin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment