Lakkoofsa Saamuda Qonnaaf filannoon humna namaa teeknooloojiin deeggaramee bu’aa qabeessa ta’uun eerame

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC)- Lakkoofsa saamuda qonnaaf adeemsi filannoo humna namaa teeknooloojiin deeggaramee bu’aa qabeessa ta’uun eerame.

Lakkoofsa saamuda qonnaaf sadarkaan adeemsa filannoo humna namaa gamaaggamameera.

Waltajjicharratti Ministira Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil, Daayrektara Olaanaa Tajaajilaa Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dooktar Bakar Shaallee dabalatee qondaaltonni hojii manneen hoji lameenii biroon argamaniiru.

Waltajjii gamaaggamichaarratti humna namaa kuma 43 fi 500 miindeessuuf bu’uura beeksisa ba’een lammiileen kuma 200 ol iyyannoo hojii galfachuun eerameera.

Haaluma kanaan kaadhimamtootaa kuma 73 adda baasuun qormaata oonlaayinii akka fudhatan taasifamaa jiraachuun ibsameera.

Kunis sirna odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaa biyya alaaf qofa utuu hintaane bobbii hoji biyya keessaaf gumaacha olaanaa akka qabu himameera.

Sirni filannoo humna namaa hojiirra oole tajaajila loogiirraa bilisaa, haqa qabeessa, saffisaa fi bu’aa qabeessa kennuuf tattaaffii biyyaalessaa eegalame kan tumsu ta’uu ibsamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment